Dorgommiin Badhaasa Kalaqa Muuziqaa Hubannoo Namtolchee xumurame

Wait 5 sec.

Finfinnee, Ebla 24, 2018 (FMC) – Dorgommiin Badhaasa Kalaqa Muuziqaa Hubannoo Namtolchee Inistiityuutii Hunpbannoo Namtolchee Itiyoophiyaa, Faanaa Miidiyaa Korporeeshinii fi Istudiyoon AI Ihuud waloon qopheessan xumurameera.Dorgommichi baatii tokkoof gaggeeffamaa turuu kan ibsan Daayrekterri Olaanaan Inistiityuutii Hunpbannoo Namtolchee Itiyoophiyaa Dooktar Warquu Gaachanaan, dorgommii dandeettii ogumma Teeknooloojii damichaan jiru mul’ise ta’uu eeran.Dorgommii bara waliin tarkaanfachuuf daandii haaraa saaqedha jedhan Ministir Deetaan Ministeera Aadaa fi Spoortii Nabiyyuu Baayyeen.Seenaa gootummaa Itiyoophiyaa himuun Teeknooloojiin waliin dabaalamaa jiraachuu kan dubbatan Hojii Raawwachisaa Olaanaan Faanaa Miidiyaa Korporeeshin obbo Admaasuu Daamxoon, dorgommii dandeettii kalaqaan jiru agarsiisurra darbee dhaloonni ammaa seenaa Itiyoophiyaa akka hubataniif waltajjii gahee olaanaa qabu ta’uu dubbatan.Muuziqaawwan 528 dhiyaachuun murtee abbootii fi sagalee ummataan badhaafamaniiru.Dorgomaa sadarkaa 1ffaa baheef Badhaasni Birrii kuma 500, 2ffaaf Birriin kumni 300 fi sadarkaa 3ffaaf Birriin 200 kennameera.