Finfinnee, Ebla 24, 2018(FMC) – Baankiin Daldalaa Itiyoophiyaa baatiwwan salgan darban keessaa bu’aa Birrii biiliyoona 54.5 argateera.Baankichi gamaaggama raawwii hojii kurmaana 3ffaa gaggeessaa jira.Qabeenyi baankichaa Birrii Tiriiliyoona 2.87 gahuu Pireezidaantiin Baankii Daldalaa Itiyoophiyaa obbo Abbee Saannoon ibsaniiru.Baatiwwan salgan darban keessa galii olaanaan walitti qabamuu dubbachuu isaanii ragaan Baankichi Faanaa Diijitaaliif erge ni mul’isa.#Oromia #Ethiopia