Hojiilee Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad baatiwwan Bitootessaa fi Eblaa keessa raawwatan jajjaboo

Wait 5 sec.

Finfinnee, Ebla 24, 2018(FMC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad baatiwwan Bitootessaa fi Eblaa keessa hojiilee Dippiloomaasii fi misoomaa hedduu raawwataniiru.Hojiilee Qorannoo saayinsaawaa, misooma magaalaa, riifoormii diinagdee fi dippiloomaasii naannawaa fi idil addunyaarratti xiyyeeffatan raawwataniiru.‎Piroojektoota garaagaraa eebbisiisaniiru, hojiilee misoomaa daawwataniiru, kan hojjetaman eegalchiisaniiru.‎‎Raawwii fooyyessa Diinagdee Gooroo gamaaggamaniiru.Tarsiimoon Indaastirii hojiirra oole bu’aa jajjabeessaa jiraachuu ibsaniiru.Hojiileen misoomaa hawaasummaa eegumsa naannoorratti hojiilee gaariin hojjetaniiru.‎Hariiroo dippilomaasii naannawaa fi idil addunyaa caalmaatti cimsuuf Pireezidaantootaa fi hoggantoota olaanoo Afrikaa waliin mariiwwan bu’aa qabeeyyii gaggeessaniiru.Dhimmoota biyya keessaan walqabatee Pireezidaantii Bulchiisa yeroo naannoo Tigraay Leetanaal Jeneraal waliin mari’achuun raawwii hojii waggaa erga gamaaggamanii booda yeroo hojii isaanii waggaa tokkoof dheeressaniiru.Ayyaanota waggaa sababeeffachuun lammiilee harka qalleeyyiif maaddii qoodaniiru.#Oromia #Ethiopia