Dooktar Abiy Ahimad oomisha Seelii Soolaaraa Goobaz Zoonii Diinagdee Addaa Huuwaajiiyaan keessatti argamu daawwatan

Wait 5 sec.

Finfinnee, Ebla 24, 2018(FMC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad oomisha Seelii Soolaaraa Goobaz Finfinnee Zoonii Diinagdee Addaa Huuwaajiiyaan keessatti argamu daawwataniiru.Warshaan kun bara Faranjootaa 2025 Fooramii Itiyoophitaatti Invastii godhaa jedhuun waliigaltee mallattaa’e bu’uura taasisuun ijaarsi boqonnaa jalqabaa Doolaara miiliyoona 100’n ijaaramee xumuramuu ibsan Dooktar Abiy Ahimad fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.‎Bordoffii fi deeggersa bu’aa qabeessaan baatii jaha keessatti qofa kan dhugoome warshaan oomisha Seelii Goobaz maashinootaa fi Teeknooloojii ammayyaan gurmaa’aa jira jedhan.Warshaan oomishaa kun lammiilee hedduuf carraa hojii uumuu kaasan.Boqonnaa jalqabaan waggaatti anniisaa Giigaa Waattii 2 oomishuu dandeettii kan qabu warshaan kun, mul’ata Itiyoophiyaan fedhii anniisaa guutumaan guutuutti madda haaromfamurraa taasisuuf qabduuf dandeettii dabalataa uumuu ibsan.#Oromia #Ethiopia