Finfinnee, Ebla 23, 2018 (FMC) – Taphoota CBE Piriimeer Liigii Itiyoophiyaa sagantaa torbee 29ffaan har’a taphoonni 2 ni taphatamu.Guyyaa sa’aatii 8:00 eegalee morkiin Qidduus Giyoorgiis Istaadiyeemii Finfinneetti Buna Sidaamaa waliin taasisu ni eegama.Akkasuma waaree booda sa’aatii 10:00 jalqabee Magaalaan Bahiirdaar Istaadiyeemii Yuunivarsiitii Saayinsii fi Teeknooloojii Adaamaatti Midira Gannatti Shiree waliin taphata.Taphoota hanga ammaatti taphatamaniin Bunni Sidaamaa qabxii 54’n liigicha yoo dursu, Machaal qabxii 47’n sadarkaa 2ffaa fi Nageellee Arsiin qabxii 45’n sadarkaa 3ffaarratti argamu.#Oromia #Ethiopia