Dooktar Ashabbir dursaa Ittaanaa Pireezidaantii Paarlaamaa Paan Afrikaa ta’uun filataman

Wait 5 sec.

Finfinnee, Ebla 23, 2018 (FMC) – Dooktar Ashabbir Waldagiyoorgis dursaa Ittaanaa Pireezidaantii Paarlaamaa Paan Afrikaa ta’uun filatamaniiru.Miseensa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa kan ta’an Dooktar Ashabbir Waldagiyoorgis dursaa Ittaanaa Pireezidaantii Paarlaamaa Paan Afrikaa ta’uun filatamaniiru.Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataas Dooktar Ashabbir Waldagiyoorgis dursaa Ittaanaa Pireezidaantii Paarlaamaa Paan Afrikaa ta’uun filatamuu isaaniin gammachuu qabu ibsuun, bara hojii gaarii isaaniif hawweera.Paarlaamaan Paan Afrikaa lammiileen Afrikaa mariiwwanii fi murtee rakkoolee fi gufuulee akka ardichaatti mul’atan furuuf taasifamu keessatti karaa bakka bu’oota isaaniin akka hirmaataniif waltajjii haala mijeessudha.Miseensonni Paarlaamaa Paan Afrikaa seera baastoota biyya miseensota isaanii fi miseensota mana maree seera baastuu biyya keessaan kan muudamaniidha.#Oromia #Ethiopia