Waraana lubbuu lammiilee kuma 6 olii wareegee fi diinagdee addunyaa raase…

Wait 5 sec.

Finfinnee, Ebla 22, 2018 (FMC) – Waraanni Baha Giddugaleessaa lubbuu lammiilee kuma 6 olii wareeguun diinagdee addunyaas akkaan raaseera.Waraanni Ameerikaa – Israa’elii fi Iraan gidduutti gaggeeffamaa jiru lubbuu lammiilee nagaa kuma 6 olii wareeguun lammiilee kuma ol miidhaa qaamaaf saaxiluu Al Jaziiraan gabaaseera.Ameerikaan Doolaara biiliyoona 25 ol waranaa kanaaf baasii gochuu BBCn gabaaseera.Waraanichi sosochii boba’aatti danqaa ta’uun diinagdee addunyaa raaseera.Keessattuu biyyoonni Afrikaa fi Eeshiyaa adda dureen miidhamaniiru.Biyyootni Galoo Galaanaa boba’aa alatti erganiin diinagdee isaanii dursu.Biyyoonni kunneen oomisha boba’aa fi gatii boba’aa addunyaarratti mudatu keessatti qooda olaanaa gumaachu.Yeroo ammaa sababa ulaa Hormuuz irratti rakkoon dhalateef gatiin boba’aa baarmeelii tokko Doolaara 115 caaleera.Amma qabeenyi boba’aa diinagdee addunyaa keessatti murteessummaansaa akka bara 1970ootaa ta’uu baatus baatii lamaan kana keessa qofa dhiibbaa salphaa hin jedhamne qaqqabsiiseera.Anniisaan maddeen elektikikaa diinagdeen addunyaa sababa gatii boba’aa akka hin miidhamne baraareera.Waldhabdee muudate karaa nagaan furuuf mariiwwan kallattii garaagaraan taasifamaa jiru.Ameerikaa fi Iraan gidduutti mariin nageenyaa eegalame addunyaaf aara galfii olaanaa ta’ee turus akka yaadame salphaa ta’ee hin argamne.Akkasuma mariin nageenyaa Israa’elii fi Libaanos gidduutti yaalamaa jirus boqonnaa haaraa uumaa jira.Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiinii fi kan Ameerikaa Doonaald Tiraamp, dhimma Yuukireenii fi Baha Giddugalaa irratti bilbilaan mari’ataniiru.Hoggantoonni biyyoota lamaanii muddama Galoo Galaanaa irratti xiyyeeffachuun marii bal’aa taasisaniiru.Puutiin Teehiraan irratti tarkaanfii waraanaa fudhachuun miidhaa hamaa waan qabuuf, Mooskoon furmaata barbaaduuf qophii ta’uu ibsan.Itiyoophiyaattis sababa waraana kanaan hanqinni dhiyeessii boba’aa mudatee ture.Keessattuu dhiyeessiin Naafxaa walakkaan hir’atee ture.Mootummaan Itiyoophiyaa oomishaafi sosochii geejjibaa yeroo ammaa ilaaluun dhiyeessiin Naafxaa bakka dura turetti akka deebi’u murteesseera.Siifan Magarsaatiin#Oromia #Ethiopia