Joozee Mooriiniihoon Feenerbaachee waliin adda bahe

Wait 5 sec.

Finfinnee, Hagayya 23, 2017 (FMC) – Lammiin Poorchuugaal leenjisaan Feenerbaachee Joozee Mooriiniihoon leenjisummaarraa gaggeeffamuu kilabichi beeksise.Kilabni Kibbaa Miillaa Turkii Feenerbaacheen akka ibsetti, kilabichi Roobii darbe Beeniifikaan injifatamuun Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaan ala ta’uu hordofee Joozee Mooriiniihoon hojiirraa kan gaggeeffame.Akka gool doot gabaasetti, Joozee Mooriiniihoon waggaa tokkoo oliif kilabicha leenjisaa olaanaa ta’uun leenjisaa turus bu’aa argamsiisuu hin dandeenye jedhame.Miikiyaas Ayyalaatiin.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofanaTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.