Haleellaan Ajaja Kaabaarratti raawwatame seenaa qaanessaadha – Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa

Wait 5 sec.

Finfinnee, Onkololeessa 24, 2018 (FMC) – Haleellaan Ajaja Kaabaarratti raawwatame seenaa hunda keenya qaanesseedha jedhan Itaamaajoor Shuumiin Waliigalaa Humna Waaranaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaan.Guyyaan Haleellaan Raayyaa Ittisa Biyyaa Ajaja kaabaarratti raawwatame waggaa 5ffaan mata duree, “akka hin dabalamne yoomiyyuu hin dagatamu’, jedhuun yaadatameera.Raayyaa Ittisaas ta’ee gootoonni Itiyoophiyaa wareegama kaffaluun biyya tursiisuu eeran Fiild Maarshaal Birhaanuun ergaa saganticharratti dabarsaniin.Wareegamni ajajni kaabaa kaffale seenaa gurraacha yeroo jalqabaaf Itiyoophiyaa keessatti raawwatame ta’uu eeran.Jireenya koo keessatti guyyaan daraan itti gaddeedha jedhan.Diinni nama ganuun kan eegamuudha, garuu qomoon kee wayita siganuu fi garaa sitti jabaatu waan onnee namaa cabsuudha jechuun kaasan.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.