Haleellaa ajaja kaabaarratti raawwatame kan yaadannu akka hin dabalamneefi – Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa

Wait 5 sec.

Finfinnee, Onkololeessa 24, 2018 (FMC) – Guyyaan Haleellaan Raayyaa Ittisa Biyyaa Ajaja kaabaarratti raawwatame waggaa 5ffaan mata duree, “akka hin dabalamne yoomiyyuu hin dagatamu, jedhuun yaadatamaa jira.Haleellaa ajaja kaabaarratti raawwatame kan yaadannu akka hin dabalamneefi jedhan Itaamaajoor Shuumiin waliigalaa Humna waraanaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaan ergaa saganticharratti argamuun dabarsaniin.Haleellaan Onkololeessa 24, 2013 ajaja kaabaarratti raawwatame yoomiyyuu kan dagatamuu miti jedhan Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaan.Ajajni kaabaa ajaja barootaaf ummata Tigraay diinarraa tiksaa ture, ummata naannichaa qabeenya, beekumsaa fi humna isaan deeggaraa ture ta’uu ibsan.Raayyaa akkasiirratti gochaa badaa fi gara jibinaa kana raawwachuun godaannisa seenaati jedhan.Gochicha bara baraan kan yaadatamu akka irra hin deebineef ta’uu kaasan.Haleellaa gara jibinaa miseensota ABUT muraasaan raawwatame ta’uu eeruun, gareen kun ammas diina biyyaa ta’ee itti fufuu ibsan.Andu’aalem Tasfaayeetu gabaase.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.