Finfinnee, Fulbaana 24, 2018 (FMC) – Kantiibaan Magaalaa Bishooftuu obbo Alamaayyoo Asaffaa Bishooftuun Ayyaana Irreechaa Harsadee bara kanaa kabajuuf qophii xumuruun keessummoota simatteetti jedhan.Bulchiinsi magaalichaa qophii barbaachisaa taasisuun akkaataa duudhaa simannaa Itiyoophiyaa eegeen keessummoota simachuu ibsaniiru.Magaalicha jiraattotaafi hirmaattota ayyaanichaaf mijataa taasisuuf hojiileen bu’aa qabeessi hojjetamuu eeraniiru.Rakkoon dhiyeessii hirmaattota ayyaanichaa akka hin mudanneef dhaabbilee tajaajila kennan waliin qindoominaan hojjetamuu kaasaniiru.Ayyaanichi haala ho’aa ta’een kabajamee akka xumuramuuf qophiin taasifamuu ibsuu isaanii TOI gabaaseera.Jiraattota magaalichaa keessummoota simatan galateeffataniiru.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.