Maanchister Siitiin Saawuzaampitan injifachuun tapha xumuraaf darbe

Wait 5 sec.

Finfinnee, Ebla 17, 2018(FMC)- Tapha waancaa FA Ingilaandiin Maanchister Siitiin Saawuzaampitan galchii 2 fi 1’n injifachuun xumuraaf darbeera.Saawuzaampitan galchii Fiin Azaaz lakkoofsiseen dursuu eegalus, Jarmii Dookuu fi Niikoo Gonzaalez galchii lama lakkoofsisuun Maanchister Siitiin tapha xumuraaf darbuu danda’eera.Kana hordofees Maanchister Siitiin tapha xumuraa waancaa FA Cheelsii fi Liidsi keessaa abbaa injifatu waliin kan taphatu ta’a.Maanchister Siitiin walitti fufee yeroo 4ffaaf tapha xumuraa waancaa FA’f darbuun seenaa haaraa galmeessiseera.#Oromia #Ethiopia