Inisheetiivii Diijitaala Itiyoophiyaa milkaa’ina galmeessise…

Wait 5 sec.

Finfinnee, Ebla 14, 2018 (FMC) – Ministirri Pilannii fi Misoomaa Doktar Fitsum Asaffaa gabaasa raawwii hojii ji’oota sagalii dhiyeessaniin, inishatiivii Diijitaala Itiyoophiyaatiin milkaayinni guddaan galmeeffamuu ibsaniiru.Dooktar Fitsum Tajaajilli Giddugala Tokkoo Masoob qulqullinaa fi ariitiin akka dhaqqabu gochuun, hojimaata badaafi dhamaatii hambisuu, yeroo fi baasii qussachuu dandeessiseera jedhan.Eenyummeessaan Dijitaalaas lammilee hundaaf tajaajila haqa qabeessa qaqqabsiisuu fi seera kabachiisuu keessatti gahee guddaa taphachaa jiraachuu kaasaniiru.Ammatti lammilee hedduu bira ga’uu danda’eera.Leenjiin Koodaroota miiliyoona 5 misooma humna namaa guddisuuf gahee olaanaa taphachaa jira jedhaniiru.Kunis gidduugaleessota leenjii adda addaa keessatti hojjetamaa jiraachuu kaasan.Tajaajiloota Onlaayinii fi Kafaltii Diijitaalaan walqabatees tajaajilli onlaayinii dabaluu fi filannoowwan kafaltii diijitaalaa kafaltii baankii irraa gara baankii ta’u dacha hedduun caaluu danda’eera jedhan.Gabaasni kun kan dhiyaate gamaaggama guyyoota 100 fi raawwii hojii ji’oota sagalii irratti yoo ta’u, gamaaggama kana irratti Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad argamaniiru.#Oromia #Ethiopia