Finfinnee, Eebila 14, 2018 (FMC) – Abbaan Taayitaa Miidiyaalee Itoophiyaa, miidiyaaleen adeemsa ijaarsa biyyaa cimsuu fi seenessa waloo irratti xiyyeeffannoodhaan akka hojjetan waamicha dhiyeesse.Abbaan Taayitichaa bakka bu’oota dhaabbilee miidiyaa irra walitti babba’an waliin, mata-duree “Miidiyaaleen ijaarsa biyyaa fi ijaarsa ilaalcha hawaasaaf” jedhuun marii gaggeessaa jira.Waltajjii kanarratti kan argaman Daarikteerri Waliigalaa Tajaajila Odeeffannoo fi Nageenya Biyoolessaa fi Walitti-qabaan Boordii Abbaa Taayitaa Miidiyaalee Itoophiyaa Obbo Reedwaan Husseen, miidiyaaleen fooyya’iinsa irra jiraachuu eeranii, kana caalaa humna fooyya’aa akka qabaataniif ni hojjetama jedhan.Keessattuu, miidiyaaleen biyyaaf akka fayyadan gochuu keessatti deeggarsi mootummaa cimee akka itti fufu ibsaniiru.Kanaafis, hanqinaalee miidiyaalee keessatti mul’atan sirreessuufi ciminoota jiran itti fufsiisuuf bakka bu’oota dhaabbilee miidiyaa waliin marii gochuun akka barbaachise eeraniiru.Hoji-geessistuu Ol’aantuun Abbaa Taayitaa Miidiyaa Itoophiyaa Hayimaanot Zallaqaa gama isaaniitiin, miidiyaaleen odeeffannoo wayitawaa fi amanamaa ta’e hawaasaan ga’uun alatti, hawaasa ijaaruu fi ijaarsa biyyaa keessatti qooda murteessaa akka qaban kaasaniiru. Gama kanaan miidiyaaleen uummataa, naannoo fi hawaasaa seenessa Waloo ijaaruu keessatti gahee isaanii ba’achaa jiraachuu eerraniiru. Fooyya’iinsa qabiyyee miidiyaaleetiif xiyyeeffannoo kennameen, miidiyaalee hedduu gosaan, lakkoofsaan fi qulqullinaan horachuun cimee itti fufeera jedhan.Marii kana irratti bakka bu’oonni dhaabbile raadiyoo hawaasaa, televiizyinii fi miidiyaalee naannoo hirmaachaa kan jiran yoo ta’u, gabaasni xinxala qabiyyee miidiyaalee ji’oota sadan darbaniis dhiyaateera.Iyyonaadaab Andu’aalem tu gabaase#Oromia #Ethiopia