Pireezidaantiin Moozaambik Godahambaa Masaraa Biyyaaleessaa daawwatan

Wait 5 sec.

Finfinnee, Ebla 19, 2018 (FMC)- Pireezidaantiin Moozaambik Daani’eel Firaansiiskoo Chaappoon godahambaa Masaraa Biyyaaleessaa daawwataniiru.Pireezidaantiin Moozaambik Daani’eel Firaansiiskoo Chaappoo qaama daawwannaa hojii Itiyoophiyaatti taasisaa jiranii kan ta’e godahambaa Masaraa Biyyaalessaa daawwataniiru.Daawwannaan isaanii agarsiiftuu bilisummaa fi qaroomina Itiyoophiyaa kan mul’isu, seenaa fi hambaaleen biyyattii michummaa amanamaaf ragaa ta’uun ibsameera.Itiyoophiyaan bakka argama dhala namaa ta’uu ishee kan mul’isu, hambaalee seenaa isheetiin wayita mul’istu, ciminni ishee inni durii michummaa ammayyaa fi jijjiiramaa mirkaneessuuf bu’uura ta’uu isaa irra deebitee mirkaneessaa jiraachuun ragaan Waajjira Ministira muummeerraa argame ni mul’isa.#Oromia #Ethiopia