Dooktar Abiy Ministira Dhimma Alaa fi Walta’iinsa Idil Addunyaa Jibuutii waliin mari’atan

Wait 5 sec.

Finfinnee, Ebla, 15, 2018 (FMC)- Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Ministira Dhimma Alaa fi Walta’iinsa Idil Addunyaa Jibuutii Abdulqaadir Huseen Omaar waliin mari’ataniiru.Dooktar Abiy Ahimad gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin, Ministiricha waajjira isaanitti simachuun walta’iinsa biyyoota lameen gidduu jirurratti mari’achuu ibsaniiru.Dabalataniis xalayaa Pireezidaantii Jibuutii Umaar Geellee irraa ergameefis fudhachuu himaniiru.#Oromia #Ethiopia