Finfinnee, Ebla 17, 2018 (FMC) – Ministirri Muummee RDFI Dooktar Abiy Ahimad guyyaa har’aa warshaalee inarjii Paarkii Indaastirii Hawaasaa keessatti ijaaraman eebbisaniiru.Warshaalee kanneen keessaa tokko warshaa soolaar inarjii Tooyoo boqonnaa 2ffaa yoo ta’u, warshaan kun baasii Doolaara miiliyoona 100 fi miiliyoona 70 kan hundaa’eefi lammiilee kuma 1 fi 600’f carraa hojii baneera.Warshichi waggaatti anniisaa Giigaa Waattii 4 maddisiisa.Warshaan lammaffaan Ooriijin Soolaar yoo ta’u baasii Doolaara miiliyoona 55 kan ijaarameefi waggaatti anniisaa Giigaa Waattii 4.3 maddisiisa.Warshaa sadaffaan Luumiinteek Soolaar yoo ta’u, warshaan kun baasii Doolaara miiliyoona 100 kan eegalame, namoota kuma 1 fi 500 carraa hojii kan uumeefi waggaatti anniisaa Giigaa Waattii 3 kan maddisiisudha.Warshaaleen soolaarii sadeen waggaatti anniisaa qulqulluu Giigaa Waattii 11.3 kan maddisiisan yoo ta’u, fedhii anniisaa biyya keessaa dabalatee gabaa alaaf dhiyeessuun sharafa alaa argamsiisuu keessatti gahee olaanaa ni bahatu.Warshaan biraa eebbifame warshaa gaazii HZ yoo ta’u, warshichi warshaalee soolaarii kanneeniif gaazii oomishuun kan dhiyeessudha.Warshaan gaazii kun kaappitaala Doolaara miiliyoona 6 kan ijaarame yoo ta’u namoota 100 oliif carraa hojii kan uume, waggaatti oksijiinii toonii 900, naayitiroojiinii toonii kuma 40 fi hayidiroojiinii toonii 7 oomishuu kan danda’udha.Miikiyaas Ayyalaan.#Oromia #Ethiopia