Dooktar Abiy Ahimad warshaalee garaagaraa eebbisiisan

Wait 5 sec.

Finfinnee, Ebla 17, 2018 (FMC) – Ministirri Muummee RDFI Dooktar Abiy Ahimad naannoo Sidaamaatti warshaalee garaagaraa eebbisiisaniiru.Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsanin, guyyaa har’aa naannoo Sidaamaa magaalaa Hawaasaatti warshaalee Paarkii Indaastirii Hawaasaa keessatti argaman Anniisaa Soolaarii Tooyoo boqonnaa 2ffaa, Warshaalee Soolaarii Ooriijin fi Luumiinteek akkasumas Warshaa gaazii HZ eebbisneerra jedhan.Bu’uuraaleen misoomaa soolaarii kunneen waloon waggaatti anniisaa qulqulluu Giigaawaattii 11.3 kan maddisiisan ta’uu eeranii, warshaan gaazii HZ ammoo waggaatti oksijiinii toonii 900, naayitiroojiinii toonii kuma 40 fi hayidiroojiinii toonii 7 dhiyeessa jedhan.‎Pirojektoonni arfan kunneen lammiileef carraa hojii bal’aa uumuufi jireenya namoota hedduu deeggaruus kaasaniiru.Warshaaleen dandeettii oomishuu olaanaa qaban kunneen qabeenya Itiyoophiyaa gara faayidaatti jijjiiraniiru jedhan.#Oromia #Ethiopia