Cheelsii fi Liidsi Yuunaayitid tapha walakkaa Xumuraa Waancaa FA irratti …

Wait 5 sec.

Finfinnee, Ebla 18, 2018 (FMC)- Sagantaa tapha Walakkaa xumuraa Waancaa FA Ingilaandiin taphni har’a Cheelsii fi Liidsi Yuunaayitid taphatan baay’ee eegama.Taphoota darban shanan walitti aansee mo’amuun leenjisaa isaa Liyaam Rosiiniyeer kan geggeesse Cheelsiin leenjisaa yeroo Kaalum Maakfirilaniin hogganamee kan taphatu ta’a.Liidsi Yuunaayitid gama isaan leenjisaa Daani’eel Faarkiin hogganamuun taphoota torba darban tokkoollee utuu hin injifatamin asi ga’eera.Gareewwan lamaan bara kana taphoota Piriimiyar Liigii lama waliin taphachuun, Liidsi Yuunaayitid tokko yoo injifatu tokko ammoo qixa ba’aniiru.Taphoonni gareewwan lamaanii har’a sa’aatii 11 irratti dirree Wembileey irratti kan taphatamu yoo ta’u, kan injifate tapha xumuraa irratti Maanchister Siitii waliin waanaaf morkata.#Oromia #Ethiopia