Finfinnee, Ebla 18,2018(FMC) – Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Galmeen filattoota filanno Waligalaa 7ffaaf haala addaan galmeen filattootaa galmeeffamanii eegaleera jedhe.Qaamoleen galmeen filattootaa hanga Ebla 24,2018tti turu kun ilaallate: 1. Buqqaatota biyya keessaa2. Barattoota Yuunivarsiiti keessatti argaman3. Miseensota Raabaa Ittisa Biyyaa Kaampii keessatti argamanBuqqaatoti biyya keessaa fi miseensonni Raayyaa Ittisaa kaampii keessatti argaman buufataalee filannoo addaa boordichi hundeesse keessatti ni galmaa’u.Filannoo kana raawwachuuf፡- Buufataalee filannoo addaa boordichi hundeessetti qaamaan dhiyaachuuSanada eenyummeessaa dhiyeessuu Barattoonni Yuunivarsiitii ammoo fuula marsariitii addaa boordichi barattootaaf gopheesseen galmaa’uu danda’u. Galmaa’uuf neetiwoorkii Yuunivarsiitichaa keessa ta’uu Bilbila ykn Laaptooppii ykn deeskitooppii Eenyummeessaa Dijiitaalaa Eenyummeessaa Biyyaalessaa yoo baafatan lakkoofsi bilbilaa ittiin ba’e akka barbaachisu boordichi beeksiseera.