Finfinnee, Ebla 20, 2018 (FMC) – Manneen Barnootaa sadarkaa 1ffaan duraa kumni 1 fi 452 Birrii biiliyoona 6 oliin ijaaramuufi jedhe Ministeerri Barnootaa.Manneen Barnootaa kunneen tumsa Ministeerichaafi naannoleen kan ijaaraman ta’uu Ministirri Ministeera Barnootaa Piroofeesar Birhaanuu Naggaan ibsaniiru.Manneen Barnootaa kunneen naannolee hundatti kan ijaaraman yoo ta’u, yeroo gabaabaa keessatti quqlqullinaan ijaaramanii bara barnootaa 2019’f qophii akka ta’anis himaniiru.Kana malees daa’imman kumni 87 fi 120 gara barnootaa akka seenan kan taasisan ta’uufi galma barnoota qulqullina qabu waliin gahuuf qabame akka deeggaran kaasaniiru.Ministeerichi Biirolee Barnootaa naannoleefi kutaa ijaarsa manneen barnootaa kanneen hordofu waliin waliigaltee mallatteesseera.Feevan Bishawutu gabaase.#Oromia #Ethiopia