Finfinnee, Ebla 20, 2018 (FMC) – Waggoottaan jijjiiramaa darban keessaa Lammiilee miiliyoona 19 fi kuma 800 fi kuma 72 oliif carraan hojii uumame jedhan Ministirri Ministeera Hojii fi Ogummaa Aadde Mufariyaat Kamiil.Aadde Mufariyaat Kamiil damee hojii fi ogummaan milkaa’inoota waggoottan darban keessa galmaa’aan dhiyeessaniiru.Carraa hojii ogummaarratti xiyyeeffateen humna namaa ga’umsa qabu, akkasuma carraa hojii mijataa fi amansiisaa ta’e uumuuf hojiilee gaariin hojjetamuu kaasan.Jijjiiramaan booda bobbii biyya keessaa fi alaan, akkasuma lammiileen mana keessatti yookaa bakka jiranitti hojii akka hojjetan haala mijateen lammiilee miiliyoona 19 fi kuma 800 fi kuma 72 oliif carraan hojii uumamuu dubbatan.Dhaabbileen Interpiranirii uumamuun, dhaabbilee biyya keessaa fi alaa waliin tumsaan hojjechuun, sonaaleen Biiznasii babal’achuun, giddugaloonni ogummaa dagaaguu fi kanneen biroo milkaa’inoonni kunneen akka galmaa’aan gahee olaanaa qabaachuu ibsan.#Oromia #Ethiopia