Finfinnee, Ebla 20, 2018 (FMC) – Hojiilee Riifoormii hojjetamaniin Waggoottan saddeettan darban keessa damee barnootaa milkaa’inoonni gaariin galmaa’aaniiru jedhe Ministeerri Barnootaa.Ministirri Ministeera Barnootaa Piroofesar Birhaanuu Naggaan milkaa’inoota ijoo waggoottan saddeettan darban keessa galmaa’an dhiyeessaniiru.Jijjiiramaan dura dameewwan daran miidhaman, haroomsa bal’aa fi saffisaa barbaadaan keessaa dameen barnootaa tokko ture.Bu’uuraaleen misoomaa, dhiyeessan galteewwanii, hanqinni ga’umsaa, manneen barnootaa, barsiisaa, uwwisni kitaabaa, sirni barnootaa fi kanneen biroon hanqinaalee ijoo damichaa turuu kaasan.Hanqinaalee kanneen furuuf hojiileen qorannoorratti hundaa’aan hojjetamuu eeran.Bu’uuraaleen misoomaa fooyyessuu, dhiyeessii galteewwanii guddisuu, hanqina ga’umsaa furuu, sadarkaa manneen barnootaa fooyyeessuu, hanqina barsiisootaa furuu, uwwisa kitaabaa guddisuuf kitaabilee maxxansuu, sirni barnootaa bu’uurarraa fooyyeessuu,Teeknooloojii barnootaa babal’isuu, qophii qormaatilee biyyaalessaa fooyyeessuu, qulqullina barnootaa fi leenjii guddisuurratti hojiilee bal’aa hojjetamaniin damichaan milkaa’inoonni hedduun argamuu dubbachuu ragaan Waajjira Ministira Muummeerraa argame ni mul’isa.#Oromia #Ethiopia