Itiyoophiyaafi Moozaambiik hariiroo isaanii gara tumsa loltummaatti guddisuuf fedhii qabu- Injinar Ayishaa Mahaammad

Wait 5 sec.

Finfinnee, Ebla 20, 2018(FMC)- Itiyoophiyaafi Moozaambiik hariiroo isaanii gara tumsa loltummaatti guddisuuf fedhii qabu jedhan Ministirri Raayyaa Ittisaa Injinar Ayishaa Mahaammad.Itiyoophiyaatti daawwannaa hojii taasisaa kan jiran Pirezidaantiin Moozaambik Daani’eel Firaansiiskoo Chaappoon guyyaa har’aa Ministeera Raayyaa Ittisaa daawwataniiru.Pirezidaantichiifi jilli isaanii wayita Ministeericha gahan Ministira Raayyaa Ittisaa Injinar Ayishaa Mahaammadiin simatamaniiru.Injinar Ayishaa Mahaammad wayita kana hariiroon Itiyoophiyaafi Moozaambik wayita qabsoo bilisummaa wareegama dhiigaan kan qorame hariiroo obbolummaa seena qabeessadha jedhanii, qoodni Itiyoophiyaan bilisummaa Moozaambiikiif bahatte agarsiistuu qajeeltoo Paan-Afrikaanizimii ta’uu ibsan.Walitti hidhamiinsa seena qabeessa kana gara tumsa loltummaatti guddisuuf fedhiifi karoorri jiraachuus kaasaniiru.Pirezidaanti Daani’eel Firaansiiskoo Chaappoon gama isaaniin, gahee Itiyoophiyaan bilisummaafi birmadummaa Moozaambikiif bahatteef galateeffataniiru.Gahumsa waraanaafi qophaa’ummaa Raayyaa Ittisaa Itiyoophiyaa dinqisiifachuun, daawwannaan isaanii kun hariiiroo dippiloomaasiifi loltummaa biyyoota lameenii gara boqonnaa haaraatti akka ceesisu ibsaniiru.Kana malees pirezidaantichi Itaamaajoor Shuumii Waliigalaa Humnoota Waraanaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa waliin dhimmoota nageenyaa waqtaawaa naannawaafi tumsa tarsiimawaa gamlamee irrattis mari’ataniiru.Daawwannaan pirezidaantichaa tumsa tarsiimawaa biyyoota lameenii cimsuurra darbee nageenya ardichaa mirkaneessuuf faayidaa olaanaa qabaachuu akka ibsame Miidiyaa Oonlaayiniin Raayyaa Ittisaa Faanaa Diijitaaliif ibseera.#Oromia #Ethiopia