Damee dippiloomaasii Fayyaan milkaa’inni olaanaan argame – Dooktar Maqdas Dhaabaa

Wait 5 sec.

Finfinnee, Ebla 20, 2018 (FMC) – Waggoottaan jijjiiramaa darban keessa damee dippiloomaasii Fayyaan milkaa’inni olaanaan argame jedhan Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Maqdas Dhaabaan.Dooktar Maqdas Dhaabaan waltajjichi mata duree “ Milkaa’ina misooma hawaasummaa ijaarsa biyyaaf” jedhuun quphaa’eerratti milkaa’inoota damee fayyaan argaman dhiyeessaniiru.Dameen dippilomaasii fayyaa dameewwan guddinni guddaan itti galmaa’e keessaa isa adda duree ta’uu ibsan.Jijjiiramaan dura qaawwa turan adda baasuun qajeelfama waggoota 30f ture fooyyeessuun tarsiimoo dursaanii ittisuu dabalataan imaammata yaalamanii fayyuu hojiirra oolchuun bu’aa gaariin argamuu himan.Keessattuu weerara xinxaaluu fi to’achuu, kunuunsa fayyaa sadarkaa jalqabaa, ogeeyyii fayyaa ga’oomsuu, diijitaala fayyaa babal’isuu, akkasuma hojiileen tola ooltummaan hojjetaman milkaa’inoota jajjaboo ta’uu eeran.Kunis Itiyoophiyaan waltajjiiwwan idil addunyaa garaagaraarratti adda durumaan akka filatamuun ishee taasiseera jedhan.#Oromia #Ethiopia