Daldalli Al-ergii Damee Albuudaa%87’n Guddateera

Wait 5 sec.

Finfinnee, Eebila 14, 2018 (FBC) – Bara bajataa kanatti daladalli al-ergii damee albuudaa % 87n guddachuu Ministirri Albuudaa Injiinar Habtaamuu Taganyi ibsan.Manni maree ministirootaa gamaaggama raawwii hojii guyyoota 100 sadaffaa fi ji’oota sagalii kan bara baajetaa 2018 bakka Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad argamanitti gaggeesseera.Injinar Habtaamuu Taganyi waltajjicha ilaalchisuun ibsa kennaniin, waggoota jijjiiramaa darban keessatti bu’aan jijjiiramni ittiin ibsamu keessaa tokko damee albuudaa ta’uu dubbataniiru. Keessattuu gama imaammataan jijjiiramni guddaan argamuu eeraniiru.Waggoota lamaa fi sadan darban keessatti dameen albuudaa jijjiirama olaanaa argisiisuu eeruun, milkaa’inni argames kan mul’atuu fi qabatamaa ta’uu ibsaniiru.Bara baajataa kana keessa galiin al-ergii damee albuudaa % 87n guddachuun bu’aa gaarii mul’achaa jiru ta’uun hubachiisaniiru. Ji’oota 9’n darban keessa galiin al-ergii damee albuudaa doolaara Ameerikaa biliyoona 4 galmeessisuu dubbatanii, kunis waggaa sadii dura waliigala galii al-ergii biyyattii waliin walqixa ta’uu akeekaniiru.Gumaachi dameen kun dinagdee biyyaatiif gumaachu qabatamaa fi ifatti kan mul’atu yoo ta’u, kunis damichi utubaa dinagdee biyyaa ta’ee fudhatamuun akka dhufe dubbataniiru.Erga fooyya’iinsi dinagdee gooroo hojiirra oolee asi, abbootiin qabeenyaa deeggarsa mootummaa waan qabaniif xiyyeeffannoon damee kanarratti akka bobba’an ibsaniiru.Itoophiyaan biyyoota qabeenya warqee olaanaa qaban keessaa tokko ta’uu himanii, qabeenyawwan albuudaa hedduun jiraachuu fi kana irrattis hojjetamaa akka jiru hubachiisaniiru.Adimaasuu Arraagaawun#Oromia #Ethiopia