Qabiyyeewwan daa'immanii Afaan Oromootiin qophaa'an qubaan lakkaawamu. Kanneen jiranis hanqina istaandardii qabaachuu hayyoonni kaasan jiru. BBC'n namoota lama hanqina gama kanaan Afaan Oromoo keessa jiru hubachuun kaka'umsa mataa ofiitiin qabiyyee ijoollee [animeeshiniin] qopheessan dubbiseera.