Ameerikaa fi Israa'el haleellaa irratti banuu booda Iraan haaloo ba'uu itti fufteetti. Ulaa galaanaa boba'aa addunyaa geejjibsiisuuf murteessaa ta'e ''Hoormuuz'' akka cuftu Iraan beeksifteetti. Dooniiwwan karaa kana darban hunda akka haleeltus akeekkachiisteetti.