Finfinnee, Guraandhala 24, 2018 (FMC) – Milkaa’ina filannoo Waliigalaa 7ffaaf dubartoonni itti gaafatamummaa isaanii adda durummaan bahachuu qabu jedhan Pirezidaantii Itti aanaa fi Itti gaafatamaan Waajjira Muummee Partii Badhaadhinaa obbo Adam Faaraah.Ministeerri Nageenyaa Gurmaa’iinsa Dubartootaa waliin ta’uun mata duree “Gahee Dubartootaa Filannoo Nagaa Qabeessaaf” jedhuun waltajjii marii biyyaalessaa gaggeesseera.Obbo Adam Faaraah wayita kana filannichi akka milkaa’uufi diimokiraasiin akka dagaaguuf dubartoonni filuun, dorgomuun akkasumas nageenyaaf waardiyyaa ta’uun ashaaraa isaanii adda durummaan kaa’uu qabu jedhan.Barii jijjiiramaa dubartoonni aangoo mootummaa %50 akka qabaatan taasifamuun hojiin sadarkaa idil addunyaatti fakkeenya ta’uu danda’u hojjetamuu yaadachiisaniiru.Dubartoonni inisheetiiviiwwan Misooma Kooriidarii, Ashaaraa Magarsiisaa, Maaddii Guutuu fi kanneen biroo keessatti adda durummaan hirmaachuufi fayyadamuu eeraniiru.Dhaabbileen ijoon hoggansa dubartootaan akka hogganaman taasifamuun bu’aa qabeessummaa jijjiiramichaa kan agarsiisu ta’uus obbo Adam Faaraah dubbataniiru.Mirga filuufi filatamuu fayyadamuun dubartoonni hirmaannaa siyaasaa isaanii mirkaneessuu akka qabanis dhaamaniiru.Nagaa filannichaa eegsisuurra darbee olaantummaa yaadaa irratti kan hundaa’e akka ta’uuf dubartoonni qooda olaanaa qabaachuus eeraniiru.Dargaggoonni filannoo irratti hirmaannaa ho’aa akka taasisaniif qooda isaanii bahachuu akka qabanis hubachiisaniiru.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.