Finfinnee, Eebila 13, 2018 (FMC) – Ministirri Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon Ximootiyoos Ministira Dhimma Alaa Baangilaadish Doktar Kaliilur Raahmaan waliin mari’ataniiru.Ministiroonni lamaan dameelee walta’iinsa hariiroo gam-lamee fi dam-daneessaa irratti mari’ataniiru.Dooktar Geediyoon Ximootiyoos wayita kanatti , Itiyoophyaan guddina dinagdee itti fufiinsa qabu galmeessisaa akka jirtu ibsaniiru.Dhaabbileen Baangilaadish dameelee inveestimentii mootummaan xiyyeeffannoo kenneef kanneen akka humna ibsaa haaromfamuu danda’u maddisiisuu, omisha qonnaa guddisuu, faarmaasii fi meeshaalee yaalaa oomishuu irratti akka bobba’an gaafataniiru.Dooktar Kaliilur Raahmaan gama isaaniitiin, biyyi isaanii Itoophiyaa waliin hariiroo qabdu keessattuu damee daldalaa fi investimentiitiin caalaatti cimsuuf kutannoo akka qabdu ibsaniiru.Ministiroonni kunneen hariiroo dinagdee biyyoota lamaanii gara sadarkaa fooyya’aatti ceessisuuf waliigaltee irra ga’uu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaa irraa argame ni agarsiisa.#Oromia #Ethiopia