Iraan Ulaa Hormuuz irra deebiin cufte

Wait 5 sec.

Finfinnee, Ebla 10, 2018 (FMC) – Iraan Ulaa Hormuuz irra deebiin cufuu beeksifteetti.Guyyaa kaleessaa waliigaltee dhukaasa dhaabuu Israa’elii fi Libaanos gidduutti taasifame hordofee Ulaan Hormuuz dooniiwwan daldalaa hundaaf banamus Iraan har’a irra deebiin cufuu beeksisteetti.Humni Waraanaa Iraan Ulaa Hormuuz irra deebiin cufamuu Miidiyaaleen Iraan kan gabaasan yoo ta’u, kana hordofees dooniiwwan daldalaa Idil addunyaa irratti dhiibbaan olaanaan uumamaa jira.