Ijaarsi Biyyaalessaa Gaggeeffamaa Jiru Badhaadhina Itti Fufiinsa Qabuuf Bu’uura Amansiisaadha – Obbo Tamasgeen Xurunaa

Wait 5 sec.

Finfinnee, Eebla 9, 2018 (FMC)– Ijaarsi biyyaalessaa yaadama ‘Ida’amuutiin’ gaggeeffamaa jiru badhaadhina Itoophiyaa itti fufiinsa qabuuf bu’uura amansiisaa ta’uu Ministirri Muummee Itti Aanaan Obbo Tamasgeen Xurunaa dubbatan.Obbo Tamasgeen kana kan ibsan, waltajjii fi agarsiisa “Itoophiyaan ni Ijaarramti; kalaqa, saffisaa fi qulqullina milkaa’ina bu’uuraalee misoomaatiif” jedhuun har’a yeroo jalqabsiisanitti.Waggoota jijjiiramaa darban keessa kutannoon gama bu’uuraalee misoomaatiin agarsiisne namoota hedduuf dinqii yoo fakkaateyyuu, nuuf garuu hojii keenya guyyaa guyyaati jedhan. Keessattuu gama daandii, humna ibsaa, naannoo dijitaalaa, jallisii, ijaarsaa fi ijaarsaa fi babal’ina buufata xiyyaaraan akkasumas misooma magaalaatiin milkaa’inni galmaa’e, ceumsa caasaa diinagdee Itoophiyaatiif ijaarsi bu’uuraa keenya hangam jabaa akka ta’e agarsiiftuudha jechuunis ibsan. Bu’uuraaleen misoomaa “hiddoota dhiigaa” ta’uu kan dubbatan obbo Tamasgeen, Misoomni kooriidaraa Finfinnee, Dirree Dhawaa fi magaalota naannoolee biroo keessatti gaggeeffamaa jiru, yoo waltaanee fi cimnee hojjenne waan hin danda’amne akka hin jirre qabatamaan kan mirkaneessanii dha jedhan.Akka ibsa isaaniitti, gama Tarsimoo ‘Dijitaala Itoophiyaa 2025’ milkeessuun baay’ina tajaajilamtoota moobaayilaa miiliyoona 97, tajaajilamtoota intarneetaa ammoo gara miiliyoona 57tti guddisuun danda’amuu eeraniiru.Hamma har’aatti magaalota 28 keessatti tajaajilli 5G magaalota kuma 1 fi 70 keessatti garuu tajaajilli 4G qaqqabuu kaasan.Tarsimoon ‘Dijitaala Itoophiyaa 2030’ raggaasifqmuun hojiirra ooluu eegaluus eeran.Layikuun Alamtu gabaase