Gamaaggamni raawwii hojii Paartii fi Mootummaa kurmaana 3ffaa gaggeeffamaa ture xumurame

Wait 5 sec.

Finfinnee, Ebla 9, 2018 (FMC) – Gamaaggamni raawwii hojii Paartii fi Mootummaa Kurmaana 3ffaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Magaalaa Bishooftuutti gaggeeffamaa ture xumurameera.Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa gama Miidiyaa hawaasummaa isaaniin ergaa dabarsaniin, Qorannoo raawwii hojii Paartiifi Mootummaa hanga kurmaana 3ffaa bara 2018’fi qophii karoora bara 2019 guyyoota sadiif gaggeessa turre milkaa’inaan goolabneerra jedhan..Guutuun ergaa isaanii akka itti aanuutti dhiyaateera.Waltajjii magaalaa Bishooftuu kanaan, miirri qabsoo adeemsa qorannoo kanaan hirmaattota gulantaan jiran biraa muldhate, akkasumas yaadonnii bilchaatoon ka’an daran kan nama jajjabeessaniidha.Hundaa’ol, miirri hanqinaalee ofitti fudhachuufi akka qaama furmaataa adda dureetti ofilaaluu, darbees karoora bara 2019, qaama ‘Karoora Ofdanda’uu’ waggoota shanan dhufanii ta’e ija jijjiirama utaalchootiin madaaluun ture, baldhina galmoota qabsoo ummata keenyaafi qormaatilee milkaa’ina isaa danqan hubatamaa dhufuu kan mirkaneessedha.Waggoottan jijjiiramaa darban, imala galmoota qabsoo ummata Oromoo gulantaa ittaanutti ceesisuuf taasisaa turre keessatti milkaa’inoota argamanis ta’ee harkifannaa numuudatan adeemsa baramaan ilaaluu keessaa bahuun muldhateera.Milkaa’inoonni jaallewwan kumaa kitila itti kaffallee milkeessinee, hundaa’ol ammoo muuxannoon adeemsa kanaan horanne humna guddaa yeroo dhufu nusochoo’udha.Xurree milkaa’inaa kana fiixan baasuuf, ji’oota sadan dhufan ciminootafi hanqinaalee adda bahan irratti cichoominaan kan hojjennu ta’a.Bu’uuruma kanaan, ji’oota dhufan qooddattoota sadi — filannoo marsaa 7ffaafi karoora bara 2018 milkaa’inaan goolabuu, akkasumas bu’uura ‘Karoora Ofdanda’uu’ (2019-2023) kan ta’e, karoora bara 2019 — lafa qabsiisuuf xiyyeeffannoo addaatiin kan hojjennu ta’a.Qophii ‘Karoora Ofdanda’uu’tiin hoggansa dinagdee irratti haala addaattiin kan qophoofnu ta’a.Akkaatuma kanaan, dilbii jiru hubatanii dhimma itti bahuu, dhaloota dhaweessawaafi ogummaa qabu uumuu, omishtummaa qaama maraafi gama hundaa mirkaneessuu, qusannaafi invastimantii hoogganuufi injifannoo fulla’aa mirkaneessuu irratti gamanumaa ofqopheessuuf waliigalameera.‘Karoora Ofdanda’uu keenyan, galmoota qabsoo sabaa — dhaloota saayinsiifi teknoolojiin dorgomaa, ummata dinagdeen humnoomaafi sirna uwwataawaa cimaa ijaaruu irratti injifannoowwan gatii itti bahe madaalan milkeessuuf qooddattoota jaha giddugaleeffannee kan sochoonu ta’a.Isaaniis sadarkaa nama dhuunfatii hanga ummataafi naannootti:1. Hoggansa dinagdeetiin;2. Oggummaafi ogeessaan;3. Bajataafi baasiin;4. Nageenyaan;5. Wabii nyaataafi6. Humna damdamannaatiin ofdanda’uudha.Dhumarrattis, jalqabbii gaggaarii keenya injifannoo ummataatiin goolabuuf, dagannaa injifannoo xixiqqaan uumuu malu irraa dammaqinaan ofeegaa, sabboonummaa gochaa — gama tokkoon miira qabsoo, gama birootiin qindoominaa fi tokkummaan masakamu ijaaruun hila tokko malee ergama sabaa akka bahannu cimsee hubachiisuun barbaada.