Finfinnee, Eebila 10, 2018 (FMC) – Miidiyaaleen dhaabbilee amantii seera Itiyoophiyaa ittiin hundeeffaman kabajuuf dirqama akka qaban Gorsaan Dhimmoota Hawwaasummaa Ministira Muummee, Mu’aaza Xibabaat Diyaaqon Daani’eel Kibrat dubbataniiru.Abbaan Taayitaa Miidiyaalee Itiyoophiyaa, bu’aa hordoffii fi gamaggama qabiyyee tamsaasa miidiyaalee amantii irratti baatiiwwan sadan darban gaggeesse ifoomseera.Sagantaa Magaalaa Finfinneetti gaggeeffame kana irratti Daani’eel Kibrat akka jedhanitti, Miidiyaalee amantii keessaa baay’een isaanii qabiyyee amantii irratti hundaa’e kan dabarsan yoo ta’u, kunis kan jajjabeeffamu ta’uu dubbatan.Ta’us, miidiyaalee gaarii hojjetan gidduutti muraasni kaayyoo hamaa hojii gaarii warra kaanii xureessu qabu jedhan.Miidiyaaleen amantii kan socho’an seera Itiyoophiyaatiin waan ta’eef, seera sana kabajuuf dirqama akka qabanis hubachiisaniiru.Dhaabbileen amantii daangaa kan qaxxaamuran ta’us, biyyi garuu daangaa fi abbaa biyyummaa mataa ishee akka qabdu beekuu akka qaban ibsaniiru.Namoonni amantii tokko hordofanii fi biyya keessaa ri biyya alaa jiraatan seera biyya isaaniitiin qofa akka gaafataman dubbataniiru.Miidiyaaleen amantii kaayyoo itti hundaa’an, jechuunis barsiisa amantii babal’isuu ala socho’uun seera cabsuu akka ta’e eeran.Seerri akka fooyya’u gaafachuun mirga ta’us, seeraan ala socho’uun garuu sirrii miti jedhan.Miidiyaaleen amantii tokkummaa uumuun gaaffii isaanii gurmaa’anii dhiheessuu akka danda’anii fi mootummaan hundeeffama Gamtaa kanaaf deeggarsa barbaachisaa akka kennu ibsuu isaanii ENA’n gabaaseera.#Oromia #Ethiopia