Hariiroon Itiyoophiyaa fi Gamtaa Awurooppaa cimaa dhufeera – Dooktar Geediyoon Ximootewoos

Wait 5 sec.

Finfinnee, Ebla 12, 2018(FMC)- Hariiroon Itiyoophiyaa fi Gamtaa Awurooppaa giddu jiru cimaa dhufeera jedhan Ministirri Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon Ximootewoos.Dooktar Geediyoon Ximootewoos Komiishineera Tumsa Idil Addunyaa Joseef Sakiilaa waajjira isaaniitti simataniiru.Dooktar Geediyoon wayita kana, fooramiin biizinasii Itiyoophiyaa-Gamtaa Awurooppaa bu’a qabeessa ta’uun isaa gammachiisaa dha jedhan.Hariiroon Itiyoophiyaa fi Gamticha gidduu jiru cimaa dhufuu kaasanii, humna haareffamaa dabalatee tumsi dameewwan inveestimeentii adda addaan jiru cimuu qaba jedhan.Komiishineerri Joseef Sakiilaa gama isaaniin, Gamtichi tumsa dijiitaalessuu fi dameelee tumsaa biroon Itiyoophiyaa waliin qabu cimsee akka itti fufu mirkaneessaniiru.#Oromia #Ethiopia