Finfinnee, Eebila 13, 2018 (FMC) – Walga’iin Idilee 29ffaan Federeeshinii Atleetiksii Itoophiyaa guyyoota lamaaf gaggeeffamaa ture murteewwan garaa garaa dabarsuun xumurameera.Murteewwan ijoo dabarsaman keessaa:* Danbiin federeeshinichi waggoota dheeraaf itti bulaa ture fooyya’uun sagalee caalmaan ragga’eera.* Danbii fooyya’e kanaan, barri aangoo hojii raawwachiiftuu federeeshinichaa marsaa lama caaluu akka hin dandeenye murtaa’eera.* Manni maree hojii raawwachiiftuu filannoo tokkoon waggaa afuriif kan tajaajilu yoo ta’u, miseensota gidduudhaa yoo xiqqaate namni tokko atleetii duraanii, leenjisaa ykn hayyuu saayinsii ispoortii ta’uu akka qabu eerameera.* Dhaabbileen atleetiksii ardii walga’ii waliigalaa irratti argamuun mirgi sagalee kennuu heera kanaan kan kennameef yoo ta’u, dhalattonni Itoophiyaa biyyoota alaa immoo hojii raawwachiiftummaan dorgomuu akka hin dandeenye kaa’ameera.* Dabalataan, rifoormii dhaabbatummaa, qorannoo caasaa humna namaa, karoorra tarsiimwaa waggaa shananii fi qajeelfamoonni bittaa fi faayinaansii fooyya’an dhiyaatanii ragga’aniiru.Ministir deetaan Aadaa fi Ispoortii Obbo Makkiyyuu Mahaammad, jijjiiramni dhaabbatummaa atleetiksii Itoophiyaa keessatti jalqabame federeeshinoota fi waldaalee biyyaalessaa hunda keessatti akka itti fufu dubbataniiru.Akka biyyaatti adeemsi cabiinsa ispoortii sirreessuuf jalqabame deeggarsa qooda fudhattoota damee kana keessa jiran hundaa akka barbaadu ibsuun, mootummaan deeggarsa barbaachisaa akka taasisu mirkaneessaniiru.Warqinah Gaashaahuntu gabaase