Maallaqni Kuufamaa Baankii Daldalaa Itiyoophiyaa Tiiriliyoona 2 qaqqabe

Wait 5 sec.

Finfinnee, Mudde 23, 2018 (FMC) – Maallaqni kuufamaa Baankii Daldalaa Itiyoophiyaa Birrii Tiiriliyoona 2 qaqqabe.Baankichi baatiiwwan jahan darbanitti Birrii biiliyoona 300 fi biiliyoona 25 walitti qabuu ibseera.Milkaa’ina gama kuufama maallaqaan argame kanas, miseensonni manaajimantii Baankii Daldalaa Itiyoophiyaa ifoomsaniiru.Sagantaa kana irratti, Bakka Bu’aan Pirezidaantii fi pireezidaantii ittaanaan Raawwachiisaa Tajaajila koorporeetii obbo Efreem Makuriyaa, Hojjettoota, maamilootaa fi qaamolee milkaa’ina kana keessatti qooda qaban, galateefataniiru.Milkaa’ina kuufama maallaqaan argame kana keessatti, tajaajilli Dijitaal baankiingi gahee guddaa akka gumaache pirezidaantii ittaanaan raawwachiisaa Biizinasii obbo Darajjee Fufaa ibsaniiru.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.