Waliin ga’iinsa Humna Ibsaa milkaa’ina Tarsiimoo Dijitaal Itiyoophiyaa 2030’f…

Wait 5 sec.

Finfinnee, Muddee 21, 2018 (FMC) – Ministeerri Bishaaniifi Inarjii Milkaa’ina Tarsiimoo Dijitaal Itiyoophiyaa 2030’f humna ibsaa waliin ga’uuf hojjechaan jira jedhe.Ministeerichatti hojii gaggeessaa olaanaan Odeeffannoo Elektirifikeeshinii fi Inarjii obbo Mesfin Dhaabaan Faanaa Miidiyaa Koorporeeshiniitti akka himanitti, waggoottan 7 darbanitti sagantaa elektirifikeeshinii biyyaalessaatiin maatiin miiliyoonni 2 ol fayyadamoo humna ibsaa ta’aniiru.Milkaa’ina Tarsiimoo Dijitaalaa bara 2030’f waggoota dhufan keessatti maatii miiliyoona 9f humna ibsaa dhiyeessuuf hojjetamaa jiras jedhan.Akkasumas, teeknooloojiin anniisaa aduu sadarkaa maatii fi hawaasaatti naannoo giiridii biyyaalessaa irraa fagaatetti waliin ga’uuf karoorri akka jirus dubbataniiru.Pirojektoonni dhiyeessii anniisaa aduu naannoo tokkotti hojjatamee hanga maatii 100 tajaajilu ni hojjetama jedhaniiru.Kunis waliin ga’iinsa humna ibsaa amma jiru %63 irraa gara %75’tti akka guddisu fi milkaa’ina Tarsiimoo Dijitaalaa 2030’f akka gumaachu ibsaniiru.Balaay Tasfaayeetu gabaase.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.