Finfinnee, Mudde 20, 2018 (FMC) – Kaaba Iraaq bulchiinsa Eerbiilitti Cabbii cimaan roobe miidhaa olaanaa qaqqabsiisuu gabaafame.Cabbii cimaa roobeen namoonni 19 achi buuteen isaanii dhabamuu bulchiinsichatti Daayrekterri Ittisa Siiviilii aanaa Sooraan Kaarwaan Miiraawudeeliin ibsaniiru.Yeroo ammaa hojiin lubbuu baraaruu hojjetamaa jira jedhan.Poolisii Tiraafikaa fi ogeeyyii Suphaa daandii dabalatee gareewwan lubbu baraartotaa 6 aanaa Sooraanii fi Siidaanaatti bobba’uun Konkolaattoota hedduu baraaruu fi daandiwwan cufaman banaa jiraachuu daayrekterichi himaniiru.Hojii lubbuu baraaruu hanga ammaatti hojjetameen lubbuu namoota 4 oolchuun danda’amuu eeran.Iraaq bulchiinsa Kuurdiistaanitti guyyoota hedduuf cabbii fi qorra cimaa muudate rakkoo tiraafikaa olaanaa uumamuu ibsame.Bulchiinsa Eerbiilitti ammoo sababa cabbiin daandiwwan cufamuu Anaadooluun gabaaseera.Soosinnaa Alamaayehutiin#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.