Finfinnee, Mudde 24, 2018 (FMC) – Godina Baaleetti maatiin fayyadamtoota sagantaa seeftineetii turan kumni 57 ol gara oomishtummaatti ce’uun wabii midhaan nyaataan of danda’an.Naannichatti horsiisee bultoonnii fi qonnaan bultootni fayyadamtoota sagantaa seeftineetii turan carraaqqii taasisaniin qabeenya horachuun harka qalleeyyii irraa gara oomishtummaatti ce’aa jiru jedhan Hogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa obbo Geetuu Gammachuun saganticharratti argamuun ergaa dabarsaniin.Namoota sagantaa seeftineetii baadiyyaan hammataman miiliyoona 1.7 keessaa qonnaan bultootaa fi horsiisee bultootni miiliyoona1.1 ta’an ce’uu isaaniis ibsan.Ministir Deetaan Ministeera Qonnaa Dooktar Fiqiruu Raggaasaa gamasaaniin, akka biyyaatti jireenya qonnaan bultootaa fi horsiisee bultootaa jijjiiruuf inisheetiviilee misoomaa garagaraa hojiirra oolchuun bu’aan qabatamaa galmaa’eera jedhan.Maatiin guyyaa har’aa eebbifamanis sirna qusannaa isaanii cimsuun nageenya isaanii eeggachaa misoomarratti jabaachuu akka qaban dhaaman.Bulchaa itti aanaan godina Baalee obbo Abrahaam Hayleeni, haala mijaawaa hojii misooma qonnaatiin jiruun oomishanii of-danda’uun gargaarsa jalaa bahuun isaanii kan jajjabeeffamu ta’uu eeruun, fuuldurattis hojii jalqaban cimsanii itti fufuun jijjiiramaaf hojjachuu akka qaban yaadachiisaniiru.Hawaasni aanaalee godinichaa eeggattummaa gara omishtummaatti ce’an deeggarsa sagantichaan argataniin cimanii hojjechuun qabeenya horachuu dubbatan.Abdallaa Amaantu gabaase.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.