Finfinnee, Mudde 23, 2018 (FMC) – Bulchiinsa Magaalaa Adaamaatti ijaarsi pirojektii dhabamsiisa balfa dhangala’aa Birrii biiliyoona 1.9 ijaaramu eegaleera.Pirojektichi liiqii Baankii Addunyarraa argame Birrii biiliyoona1.9‘n kan ijaaramu ta’uu Hoggantuun Biiroo Bishaanii fi Inarjii Oromiyaa Injiinar Miiliyoon Baqqalaan Faanaa Diijitaaliitti himaniiru.Wayita Ijaarsi isaa xumuramu guyyaatti balfa dhangala’aa liitira kuma 400 hanga kuma 950tti qulqulleessuu kan danda’u ta’uu Injiinar Miiliyoon kaasaniiru.Akkasumas namoota miiliyoona tokkoof tajaajila kennuu kan danda’uudha jedhan.Pirojektichi lafa heektaara 22 irratti kan ijaaramu yoo ta’u, waggoota 20’f tajaajila kan kennudha.Sagantaa eegalchiisa Ijaarsa Pirojeektii dhabamsiisa balfa dhangala’aa kanarratti Hoggantuun Biiroo Bishaanii fi Inarjii Oromiyaa Injiinar Miiliyoon Baqqalaa, Kantiibaa Magaalaa Adaamaa Obbo Hayiluu Jaldee, Ministir Deetaawwan Ministeera Bishaanii fi Inarjii fi hoggantoonni biroon argamaniiru.Tsahaay Gulummaatu gabaase.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.