Finfinnee, Mudde 23, 2018 (FMC) –Dijitaal Itiyoophiyaa 2030’n hojiileen tajaajila haqaa saffisiisuuf eegalaman caalmaatti cimanii itti fufu jedhan Ministirri Ministeera Haqaa Haannaa Ara’asillaaseen.Haannaa Ara’asillaaseen Walga’ii Idilee 7ffaa bara hojii 5ffaaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa har’a gaggeeffamerratti argamuun gaaffii fi yaada kenniinsa haqaa ilaalchisee miseensota mana marichaarraa ka’aniif ibsa kennaniiru.Tajaajila haqaa, qabiinsa mirga namoomaa sirreeffamtoota seeraa fi shakkamtoota ilaalchiise miseensonni mana marichaa gaaffii fi yaada kaasaniiru.Tajaajila haqaa si’ataa fi saffisa qabu kennuuf naannoleetti dameen banamuu kan eeraan Haannaa Ara’asillaaseen, tajaajila haqaa fooyya’aa ta’e kennuuf hojiileen eegalaman Tarsiimoo Dijitaal Itiyoophiyaa 2030’n caalmaatti cimanii itti fufu jedhan.Adeemsa Qorannoo yakkaa fi himannaa saffisaa fi qulqullinaan raawwachuuf Poolisii, abbaan Alangaa fi manneen murtii qindoomina isaanii caalmaatti cimsuu akka qaban hubachiisuu TOI gabaaseera.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.