Finfinnee, Muddee 21, 2018 (FMC) – Giddugalli Aadaa Oromoo amaataroota ogummaa garaagaraan marsaa 12ffaaf leenjisaa ture eebbisiiseera.Hogganaa itti aanaan Biiroo Aadaafi Tuuriziimii Oromiyaa Daraaraa Katamaa sirnicharratti akka dubbatanitti, Mootummaan Naannoo Oromiyaa aadaa haaromsuun aadaa fi aartii Oromoo humneessuuf hojjechaa jira.Amaateroota ogummaa adda addaan yeroo yeroon leenjisuun eebbisiisee gara damichatti makuun hojii kana keessaa tokko ta’uu kaasan.Eebbifamtoonnis aadaafi aartii Oromoo guddisuuf qooda irraa eegamu cimanii itti fufuu qabus jedhan.Giddugalli Aadaa Oromoos hambaawwan Oromoo kunuunsuufi beeksisuun cinatti aartii Oromoo guddisuuf dameewwan aartii hundaan dargaggootaa fi shamarran fedhiifi dandeettii qaban leenjisee aartii hawaasaaf gumaachaa jiraachuun himameera.Sirna eebbicharratti Abbootiin Gadaa, Haadholiin Siinqee, hoggantoonni Mootummaa fi keessummoonni biroon argamaniiru.Dajanuu Gonfaatu gabaase.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.