Finfinnee, Muddee 21, 2018 (FMC) – Dhaloota boru arguu danda’u horachuuf tekinooloojiin murteessaa dha jedhan hoji-raawwachiisaa Olaanaan Faanaa Miidiyaa Korpooreeshin Obbo Adimaasuu Daamxoo.Faanaa Miidiyaa Korpooreshinii fi Inistiitiyuutiin Leenjii Tekinikaa fi Ogummaa Federaalaa waliin hojjechuuf waliigalaniiru.Hoji-raawwachiisaan Faanaa Miidiyaa Korpooreeshin Obbo Adimaasuu Daamxoo wayita kana akka dubbatanitti, kallattiiwwan mootummaan kaa’e keessaa tokko tekinooloojii waan ta’eef ciminaan irratti hojjetamaa jira.Faanaa Miidiyaa Korpooreeshin hojiiwwan faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaaf dursa kennan hojjechuun bdhaadhina Itiyoophiyaa labsuuf hojjetaa akka jiru ibsaniiruFaanaan ergama isaa biyyaalessaa fi kan hawaasummaa sirnaan ba’achuun imala jijjiiramaa Itiyoophiyaa adda durummaan tumsaa akka jirus dubbatan.Daayreektarri olaanaan Inistiitiyuutii Leenjii Tekinikaa fi Ogummaa Federaalaa Dooktar Biruuk Kadir gama isaaniin, dhaabbanni isaanii Itiyoophiyaatti leenjii qulqullina qabu kennuun hojiiwwan qorannoo rakkoo furuu danda’an hojjetaa akka jiru ibsaniiru.Leenjii fi qorannoon alattis, tekinooloojii irratti xiyyeeffatee hojjetaa akka jiru hubachiisaniiru.Damichi lammiilee miliyoonotaan lakkaa’aman hirmaachisaa akka jirus kaasanii, guddachuu fi badhaadhuuf nama irratti xiyyeeffannoon hojjechuu akka barbaachisu dubbatan.Leenjifamtoonni gara leenjii akka dhufanii fi hojii hojjetamu deggeruuf miidiyaan murteessaa waan ta’eef Faanaa Miidiyaa Korpooreeshin filachuu isaaniis eeran.Faanaa Miidiyaa Korpooreeshin itti gaafatama biyyaalessaa fi hawaasummaa ba’achaa jiraachuu fi walga’iinsi isaa guddaa ta’uus kaasaniru.Wandimmaaganyi Tsaggaayeetiin#Oromia #Ethiopia