Finfinnee, Mudde 20, 2018 (FMC) – Naannoo Somaaleetti qonni jallisii bonee guddachaa dhufeera jedhe naannichi.Misoomni jallisii yeroo dhiyoo as guddachaa dhufeera jedhan Itti Aanaan Pireezidaantii naannichaa obbo Ibraahiim Usmaan.Naannichatti lafti hektaarri miiliyoonni 2.3 ol misooma qonnaaf kan oolu ta’uu obbo Ibraahiim Usmaan Faanaa Miidiyaa Koorporeeshinitti himaniiru.Hojiilee hojjetamaa jiraniin bu’aa jajjabeessaan galmaa’uu eeran.Waggoottan darban xiyyeeffannoo qonna jallisii boneef kennameen bu’aa gaariin galmaa’uu dubbachuun, misooma Ruuzii, Qamadii, Boqqoolloo fi midhaan biroo oomishuun naannichi fayyadamaa ta’aa jiraachuu kaasan.Rakkoolee damee qonnaan akka naannichaatti turan furuuf Ministeera Qonna waliin hojiileen hojjetame milkaa’aa akka ture eeran.Abbootiin qabeenyaa damicharratti akka bobba’an hojiin haala mijataa uumuu hojjetamaa jiraachuu obbo Ibraahiim dubbataniiru.Yoonaas Geetinnatiitu gabaase.#Oromia #Ethiopia#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.