Yaadachiisa Baankii Biyyaalessaarraa kenname

Wait 5 sec.

Finfinnee, Mudde 20, 2018 (FMC) – Baankiin Biyyaalessaa Itiyoophiyaa dhaabbilee Maallaqa daddabarsuuf eeyyama hin qabnee fi sharafa alaa karaa seeraan alaa raawwatamu ilaalchisee ibsa kenneera.Eeyyama malee maallaqa daddabarsuu fi karaa seeraan alaa sharafa alaa gaggeessuun seera biyyattiin dhorkaa ta’uu isaan, qaamolee biyya keessaa sharafa alaa kana fudhatanirratti rakkoo qaqqabsiisa jedhe.Baankichi dhaabbilee eeyyama malee maallaqa daddabarsanii fi kan biyya keessatti sharafa seeraan alaa fudhatanirratti tarkaanfii fudhachaa jiraachuu ibse.Lammiilee fi dhalattoonni Itiyoophiyaa biyya alaa jiraatan dhaabbilee eeyyama daddabarsa maallaqaa qabaniin qofa maallaqa gara biyyaa akka ergan yaadachiiseera.Akka fakkeenyaatti dhaabbileen akka Shiggee, Adduuliis(ADZ), Reed Sii, Avaantii, Worliid Daayreekti liink, Raasmaaypeey, US War, Zoolaa fi Taajiin dhaabbilee maallaqa daddabrsuuf eeyyama hin qabne ta’u hubatamuu qaba jedhe.Dhaabbileen maallaqa daddabrsuuf eeyyama qaban karaa marsariitii Baankii Biyyaalessa Itiyoophiyaa nbe.gov.et/mta irratti kan argaman ta’uu eere.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.