Finfinnee, Mudde 23, 2018 (FMC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Pireezidaantii Faransaay Imaanu’eel Maakroon waliin bilbilaan mari’ataniiru.Dooktar Abiy Ahimad fuula Miidiyaa Hawaasummaa isaaniin, ergaa dabarsaniin, hiriyyaa kiyya Pireezidaanti Imaanu’eel Maakroon wajjin hawwiii gaarii bara haaraa faranjootaa 2026 bilbilaan waliif ibsineerraa jedhan.Marii isaaniin Itiyoophiyaa fi Faransaay hariiroo gamlamee qaban caalmaatti cimsuuf haalota dandeessisanirratti mari’achuu dubbataniiru.Akkasumas dhimmoota naannawaa fi idil addunyaa faayidaa waloo keenyaa ta’anirratti tumsaan hojjechuu itti fufuuf waliigalleerra jedhan.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.