Finfinnee, Mudde 22, 2018 (FMC) – Godina Baalee Bahaatti namoonni sagantaa wabii nyaataan deeggaramaa turan kumni 52 ol gargaaramtummaarraa gara oomishuutti ce’an.Itti gaafatamaan Waajjira Qonnaa Godinichaa obboo Zalaalam Alamayyoo Sagantaa wabii nyaataa marsaa 5ffaan namoota gargaaramaa turan ceesisuuf hojii hojjetameen namoonni kumni 52 gargaaramtummaarraa gara oomishuutti ce’uun wabii nyaataan of danda’uu ibsaniiru.Bulchaan Godinichaa obbo Jaarsoo Boruu gamasaaniin, Mootummaan jijjiiramaa hawaasa sammuufi harkaan hidhamuun qabeenya qabutti fayyadamuu dadhabee, miira gargaaramtummaa keessatti kufe oomishee jireenya isaa akka fooyyeffatuuf xiyyeeffannoon hojjachaa jiraachuu eeran.Hawaasni gargaaramtummaa irraa gara oomishtummaatti cehuuf ciminaan hojjachuu akka qabus dhaamaniiru.Jiraattoonni godinichaa aanaalee garagaraa kanaan dura sababa hanqina roobaan sagantaa seeftiineetiin gargaaramaa turan yeroo ammaa carraa isaaniif uumameen hojiitti galuun wabii nyaataan of danda’uun jiruuf jireenya isaanii foyyeeffachuu dubbataniiru.Olyaad Ahmadtu gabaase.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.