Bulchiinsi magaalichaa daa’imman 177’f wiilcharii deeggare

Wait 5 sec.

Finfinnee, Mudde 24, 2018 (FMC) – Bulchiinsi magaalaa Finfinnee daa’imman miidhaan qaamaa olaanaan mudateef wiilcharii 177 deeggarsaan kenneera.Kantiibaan Magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, hojiin Finfinnee Afrikaarraa magaalaa daa’imman guddisuun mijattuufi filatamtuu gochuuf eegalle bu’aa buusaa jira jedhan.Sagantaa Misooma Daa’imummaan Duraa magaalichatti hojiirra oolaa jiruun daa’imman miidhaan qaamaa olaanaan mudate 177’f wiilchariiwwan mijatoo ta’an deeggaruu eeraniiru.Magaalaan keenya magaalaa haqni hawaasaa keessatti mirkanaa’e akka taatuuf yeroo itti aanutti daa’imman deeggarsicha hin arganne fayyadamoo taasisuuf kutannoon ni hojjenna jedhaniiru.Qaamolee hojii kana qindeessaniifi bulchiinsa magaalichaa waliin hojjetan galateeffataniiru.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.