Maree itti gaafatama waloof, nageenya waaraa fi ijaarsa mootummaa cimaaf – TKM

Wait 5 sec.

Finfinnee, Mudde 24, 2018 (FMC) – Mareen itti gaafatama waloo ba’achuuf, nageenya waaraa fi mootummaa biyyaalessaa cimaa ijaaruuf faayidaa guddaa qaba jedhe Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa.Tajaajilichi ibsa baaseen, Itiyoophiyaatti waldhabdee fi walitti bu’iinsa barootaaf tureef aadaan siyaasaa boodatti hafaan madda akka ture kaaseera.Rakkoo kana hundeerraa furuufi dhimmootaa fi ajandaawwan biyyaalessaa arratti garaagarummaa mul’atu walitti fiduuf mareen biyyaalessaa murteessaa ta’uus ibseera.Mootummaan aadaan nageenyaa akka jiraatuu fi aadaan siyaasaa qaroome ijaaramee Itiyoophiyaanonni rakkoolee isaanii maree qofaan furachuu qabu jedhee akka amanu fi kana hojiitti hiikuuf kutannoon hojjechaa akka jirus tajaajilichi ibseera.Mareen biyyaalessaa hunda hammatee fi Itiyoophiyaatti eegalame garaagarummaa jiru karaa nagaan furuuf carraa gaariidhas jedhe.Akka ibsa tajaajilichaatti, carraan kun hundumaaf walqixa kan banamee fi eenyuunillee kan hinqoodne carraa hin argamnee dha.Carraa kanatti fayyadamuufis Itiyoophiyaanonni hundi qophaa’uu akka qaban hubachiiseera.Carraan kun aadaa siyaasaa badaa dudhaa obbolummaa duraan ture dadhabsiise fayyisuu irra darbee nageenya waaraa mirkaneessuuf dhimma murteessaa ta’uu ibseera.Mareen kun dhimmoota bu’uuraa irratti waliigaltee biyyaalessaa uumuuf, Sirna diimokiraasii guddachaa deemu ijaaruuf, darbees uummata gidduutti wal amantaa uumuun tokkummaa fi wal tumsa mirkaneessuuf ga’ee olaanaa qaba.Itiyoophiyaanonni aadaa waliin mari’achuu barootaaf ittiin rakkoo furachaa turan akka qaban kan ibse tajaajilichi aadaan kun garuu sababa aadaa siyaasaa boodatti hafaan yeroo irraa gara yerootti dadhabaa dhufuun seenessa qeenxeen hanga beekmuutti nugeesseera jedhe.Kanaafuu furmaata waaraa fiduuf, fedhii siyaasaa haqa qabeessaan mareef, qajeeltoo kennanii fudhachuu fi furmaata waloof hunduu ga’ee isaa ba’achuu akka qabus hubachiiseera.Yeroon Itiyoophiyaanonni maraammartoo waraanaa fi walitti bu’iinsaa keessaa ba’an amma kan jedhe Tajaajilichi, adeemsa maree biyyalessaa milkeessuun rakkoolee karaa nagaan furuufi olaantummaa seeraa mirkaneessuun biyya Itiyoophiyaa hundaaf miijattu ijaaruuf gargaara jedhe.Kanaafis qaamoleen hundi maricharratti dammaqinaan akka hirmaatan dhaameera.#Oromia #EthiopiaOdeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;Teelegiraama t.me/afanoromofanaYuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromooMarsariitii www.fanamc.com/afaanoromooTiwiitara https://twitter.com/fanatelevisionFeesbuukii: FMC Afaan OromooTiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromooYeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.